siif jedheen manaa ba'een bineensa of nyaachisaa Haacaaluu Hundeessaa 2021

Поділитися
Вставка
  • Опубліковано 3 гру 2024

КОМЕНТАРІ • 3

  • @tadduunagasaa9979
    @tadduunagasaa9979 3 роки тому +1

    Uuuuffii hacee

  • @SaraJemal-ol9gq
    @SaraJemal-ol9gq 7 місяців тому

    ❤❤❤

  • @caaliientertainment5236
    @caaliientertainment5236  3 роки тому +2

    SI HIN ILAALU!
    Miidhaa kan kee malee bu'aa kee hin argine
    Duubaa harkifamta duratti hin darbine
    Yoo lafa si kaa'an nan harreeda Jetta
    Deemi yoo siin jedhan achumaa foqoqxa
    Lafee siif dhiyeessan annaaniin filatte
    Aannan siif kenninaan summiidhaf baqatte
    Waan addaa off harkaa qabaattee hin kennitu
    Dhaba kee amantees namarraa hin fudhattu
    Situ bitaacha moo natu si hin hubannee?
    Situ off jaallataa moo nu si jala kaannee?
    Guddummaa kee hin barreef aannan siif dhiyaatee?
    Situ ijoolledhaa nat lafee siif laatee?
    Off kuttee off keessee maaf ilkaan ibsitaa
    Kan danda'uu tokkoo at maaf off jibbitaa
    Faayidaan kee xiqqaa miidhan kee kitila
    Osoo off salphistee hedduu natti tola
    Uleen an siif mureen anuma rukuttee
    Orma waliin kolfaa natti fuula buttee
    Beekumsi kee guddaan qileetti si gate
    Gaarii homaa hin beekne meeqa dabalate
    Gorsa beekas didde ifata hin dhageenye
    Sammuun si abboomes hammeenya irraa hin teenye
    Dhuma kee ilaaluf keessa anaan miita
    Laaqii ofii keetin ofiif mucucaatta
    Hojii kee tuffadheen si'immoo si jibbe
    Mudaa kan kee malee gaarin sirraa dhabe.
    Kanaaf si hin ilaalu fuula koo naannessee
    Ani si kabajnaan situ off salphisee..... seee seee......Seeee......
    Written by Meti.Abera
    Yaadannoo isaa dimokiraasif