IRREECHA Bara 2023

Поділитися
Вставка
  • Опубліковано 8 гру 2024
  • Sagantoonni Irreecha ilaalchisanii koomishiinuchaan adeemsifamaa jiran guyyaa har'aa, filannoo Miss Tuurizimii Oromiyaatiin akka goolabamu ibsameera.
    Kana malees magaalota naannoo Finfinnee jiran dabalatee Bishooftuuttis sagantoonni miidhagina Irreechaa ta'aniifi beeksisa ayyaana Irreechaaf oolan qopha'a jiru.
    Irreechi ayyaanota Oromoon tokkummaan kabajatuufi dirree itti uummatni Oromoo sagaleesaa dhageessifatu, al tokko dhaqnaan itti deddebi'uun kan aadeffatamu ta'ee, waggootaa dheeraaf magaalaa Bishooftuu Hora Harsadiitti kabajamaa tureera.
    Giddugala qabsoo Oromoo kan taate magaalaan Finfinnee, Oromoo dhiibbachuufi duudhaalee sabichaa liqimsitee dhoksuun alatti, bakka hafuura bafannaa sabichaa ta'uu diduun, ayyaana Oromoo guddicha Irreecha Hora Finfinnee erga lagattee, waggoota 150 ol darbuun, Malkaan warra Gullallee deebi'ee saaqamuunsaa yaadannoo yeroo dhihooti.
    Uummatni Oromoo aadaafi eenyummaasaa Finfinnee keessatti bakkatti deebisee dhaabuuf aarsaa guddaa kaffalaa erga turee, amma eegameefi maluuf ta'uu baatullee qabsoo hadhooftuutiin magaala Finfinnee keessatti ayyaanicha kabajuu eegaluun reef ganna muraasa lakkoofsisa.
    Tibbanas Finfinneefi Bishooftuun foolii Oromummaafi Oromoo urgeessuurratti argamu.
    Ayyaanni guddichi hirmaattota miliiyona torbaa ol keessummeessuun beekamu Irreechi kabajamuuf guyyootni lakka'aman hafaniiru.
    Miidhagina ayyaanichaaf kan oolan, sagantoonni adda addaas wal duraa duubaan magaalota kanneen keessatti adeemsifamaa jiru.
    Qaamolee sagantoota miidhagina ayyaanichaa qopheessaa jiran keessaa tokko kan ta'e, Koomishiin Tuurizimii Oromiyaa sagantaasaa marsaa duraa guyyaa har'aa akka goolabu ibse.
    Guyyoota arfan darbaniif Torban Tuurizimii jechuun labsee, Finfinnee Hoteela Iskaay Laayit keessatti sagantoota agarsiisa adda addaafi miidhagina Oromoofi Oromiyaa beeksisan qopheessaa kan ture koomishiinichi, guyyaa har'aa wal dorgommee bareedinaa "miss Tuurizimii Oromiyaa" jedhu akka deemsisu ibse.
    Sagantaalee Irreecha ilaalchisuun magaalaa Finfinneetti qopha'aa jiran keessaa inni kan biraan, sagantaa Koonsertii Muuziqaa fi galgala agarsiisa aadaa yoo ta'u, torban dhufurraa eegalee magaalaa Finfinneetti ni adeemsifama jedhamee eegama.
    Akkasumas galgala Walaloo Irreechaa jedhamuun kan moggaafame, sagantaan addaa galma Tiyaatira Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti dhaabbata Bokkuu Arts jedhamuun qopha'aa jiraachuu dabalataanillee Tiyaatirri 'Seedaa Soolanee' jedhu galma tiyaatira Giddu Gala Aadaa Oromoottti dhihaachuuf akka jirutu himame.
    Haaluma wal qabatuun magaalaa Bishooftuuttis koonsertiin Muuziqaa Irreechaa aartistoota Oromootiin dhihaachuuf qophiirra jiraachuu OMN odeeffateera.
    Ayyaanni Irreechaa bara kanaa akkaatuma baratameen dirree Oromummaafi sagaleen Oromiyaa irratti dhaga'amuufi mullatu ni ta'a jedhameet eegama.

КОМЕНТАРІ • 1